Oromiyaatti bara kana Inarjii haaromfamaarra ummanni miliyoona Lamaaafi kuma 700 ol fayyadamaa ta’e.
#BBIO-(Adoolessa 7/2016, Finfinnee)- Biiroon Boishaaniifi Inarjii Oromiyaa bara bajataa xumurame kana keessa Inarjii haarofamaa babal’isuurratti hojii hojjechaa tureen ummanni miliyoona lamaafi kuma 740 ol fayyadamaa ta’e.
Biirichi mul’ata Bara 2022tti bishaan dhugaatii qulqulluu gahaafi itti fufiinsa qabuu akkasumas, misooma inarjii haaromfamaa babal’isuun fedhiin ummata Naannoo keenyaa guuttamee arguu jedhu qabatee hojjechaa jira.
Kana milkeessuufis qo’annoo adda addaa teekinoloojii inarjii irratti gaggeesuu, teeknooloojii biyya alaa fi biyya keessa jiran irratti haala ummanni fayyadamuu danda’uun madaqsuufi babali’suun ummata biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjetaa tureen milkaa’inoonni gurguddoon galmaa’aaniiru. Milkaa’ina hojii kanaatiif deggarsi Dhaabbileefi sagantaalee adda addaa akkasumas Miti Mootummaa olaanaadha.
Haaluma kanaan hojii bara 2016 keessatti raawwataa tureen:-
Pirojektoonni bishaanii baasii guddaan, keessumattuu baadiyyaa naannichaatti ijaaramanii boba’aa fayyadamuun ummata tajaajilaa turan sababa boba’aan yeroo gara yerootti qaala’aa dhufeef iskiimonni baayyeen eddoo garaagaraatti dulloomanii tajaajila dhaaban hedduun akka jiran beekmaadha.
BBIOn rakkoo kana furuuf Tekinoloojii qabeenya humna aduu Soolaaritti jijjiiru babali’suurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Qooda fudhattootaafi deggartootasaas hojii kanarratti akka bobba’an ni jajjabeessa.
#Bishaan_qulqulluu_inarjii_haaromfamaa_lammiileef_dhiheessuun_ammallee_hirmaannaa_qooda_fudhattootaa_sdarkaa_olaanaan_barbaachisa!
Your email address will not be published. Required fields are marked *
Δ