Waa'ee Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa

Biiroon Bishaan fi Inarjii Oromiyaa Qaamolee Hoji-Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Biyyoolessaa Oromiyaa keessaa isa tokko.

Biirichi hojimaata loojikii fi tarsiimoo ta’een ummanni naannichaa dhiyeessii bishaan qulqulluu itti fufiinsa qabu akka argatuu fi qabeenya albuudaa naannichaa akka misoomsu dandeessisuudhaaf aangoo kan qabu ta’uu ibsameera. Akkasumas misooma qabeenya anniisaa haaromfamuu danda’u fooyya’ee fi misoome irratti kan hojjetuu fi kunuunsa qabeenya uumamaa Naannichaaf gumaacha kan godhu ta’uu ibsameera.


- ERGAMA:
• Ergamni Biiroo Bishaanii fi Inarjii ijoon dhiheessa bishaan dhugaatii qulqulluu, bulchiinsa iskiimota bishaan dhugaatiif dhangala’aa fi misooma inarjii babal’isuudha.
• Ergama kana galmaan ga’uudhaaf ijaarsa pirojeektoota bishaan dhugaatii fi inarjii saffisiisuun hawaasa keenya fayyadamaa gochuun murteessaadha.
• Keessattuu pirojektoota baroota dheeraaf ijaarsi isaanii lafarra harkifachuun umata keenya mufachiise adda baasuun xiyyeeffannaan addaa kennameefii xumursiisuun barbaachisaadha.
• Haaluma Kanaan hojiiwwan keenya of dagannaa malee hojjachuudhaan karoora qabanne akka milkeessinuuf dhimmoota sadii irratti hundaa’uun (Inisheetiivota, pirojeektotaa fi hojiiwwan gurguddoo) cheeklistiin kurmaana 3ffaa akka armaan gadiitti qoppaa’eera.
Awesome Image
Awesome Image

Hojiilee Gurguddoo Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa

Hojiilee Ijoo
1. Potenshaala Bishaan Oromiyaa Beekuu fi Bulchuu
2. Ijaarsa pirojektoota Bishaan Dhugaatii Gageessu.
3. Bulchiinsa iskiimota Bishaanii Hammayyeessuu
4. Teeknooloojii Inarjii Haaroonfamaa Babal’isuu
Awesome Image

Biirichi aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata

• Imaammata, seerotaa fi tarsiimoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo misooma qabeenya bishaanii fi albuudaa ilaallatan hojiirra ni oolcha;
• Itti fayyadama bishaanii bishaan kuufamaa keessatti madaalawaa fi walqixa ta’e fiduu, raawwii isaa ni to’ata;
• Misooma qabeenya bishaanii fi Qabeenya Albuudaa ilaalchisee namoota gorsaa, hojii ijaarsaa fi meeshaalee bishaanii biyya alaatii galchuu irratti bobba’uuf yaadan hayyamaa fi waraqaa ragaa ni kenna, ni to’ata, ni qorata;
• Hojii misooma bishaanii raawwachuu, qulqullina isaa sakatta’uu, hojiiwwan qulqullina bishaanii waliin walqabatan hojjechuu, qabeenya bishaanii faalama irraa eeguu fi qulqullina akkasumas bulchiinsa qabeenya albuudaa.
• Qabeenya bishaanii fi albuudaa naannichaa ni bulcha;
• Dizaayinii fi ijaarsa hojii bishaanii kamiyyuu namoota naannoo goggogaa jiraataniif bishaan guutuu fi wixinee naannoo dhibee kanaan miidhame ni mirkaneessa, sagantaa dhiyeessii bishaanii hatattamaa ni qindeessa;
• Tajaajila dhiyeessii bishaanii magaalaa fi hirkattoota isaanii of danda’ee akka bulfamu haala mijeessuu;
• Meeshaalee dabalatee teeknooloojii hojii bishaanii adda addaa fi tajaajila bishaanii wajjin walqabatan yeroo yeroon ni kenna, hojiirra oolmaa isaa hordofuu fi ni to’ata;
• Raabsaa fi baay’ina qabeenya bishaanii ilaalchisee ragaa qorachuu, qindeessuu fi walitti qabuu, dizaayinii bishaanii fi to’annoo ijaarsaa ni raawwata;• Hayyama seeraa osoo hin qabaatin hojii daldalaa, raabsaa, gurgurtaa, ujummoo fi meetira dhaabuu bishaanii ni to’ata, sarara addaan kutuun alatti tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata;
• Fayyadamtootaaf bishaan raabsuuf humna ujummoo qaama kamiyyuu keessa kaa’uu ykn dabarsuu ni qabaata;
• Qorannoo misooma bishaanii laggeen, lafa alaa fi lafa jalaa irratti ni gaggeessa, akkaataa itti itti fayyadaman yaada mootummaaf ni dhiyeessa;
• Pirojektoota bishaanii uummata magaalaa fi baadiyyaa tajaajiluu danda’an, akka ijaaraman taasisuu danda’an qo’annoo fi dizaayinii gochuu, to’achuu, qo’annoo irraa kaasee hanga ijaarsa xumuramutti ummanni akka hirmaatu gochuu, ummanni eeguuf aangoo kennuu;
Seenaa Biirichaa

Adeemsa Qo'annoo fi Dizaayinii irratti Muuxannoo Guddaa

Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa

Nu Argachuudhaaf