+251 115 000 000
info@oromiawaterandenergy.org
Stay Connected :
WIIRTUU
WAA’EE KEENYA
Waa’ee BBIO
Seenaa BBIO
Haala-Waliigalaa BBIO
Tajaajiloota
Hoggantoota Duraanii
Garee Bulchiinsa Biiroo
PIROJEKTOOTA
AMMEE
Odeeffannoo
Gita Hojii Banaa
Caalbaasii
Faayiloota fi Gabaasaalee
NU-ARGACHUUF
AFAANOTA
Afaan Oromoo
English
አማርኛ
WIIRTUU
WAA’EE KEENYA
Waa’ee BBIO
Seenaa BBIO
Haala-Waliigalaa BBIO
Tajaajiloota
Hoggantoota Duraanii
Garee Bulchiinsa Biiroo
PIROJEKTOOTA
AMMEE
Odeeffannoo
Gita Hojii Banaa
Caalbaasii
Faayiloota fi Gabaasaalee
NU-ARGACHUUF
AFAANOTA
Afaan Oromoo
English
አማርኛ
Leenjii Ogeessota koominikeeahinii sagantaa COWASH - Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa
Home
Maxxansa Haaraa
Leenjii Ogeessota koominikeeahinii sagantaa COWASH
June 20, 2023
By: BBIO OWEB
0 Comments
Waxabajjii 10_2015 Adaamaa.
Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa leenjii Ogeessota koominikeeahinii sagantaa COWASH itti argaman Godinaalee fi Aanaalee,guyyoota lamaaf Adaamaatti kennaa ture xumureera.
Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaas Naannicha keessatti dhiyeessii bishaan dhugaatii dabaluun gaaffii gama kanaan hawaasni kaasu deebisuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa tureera,ammallee bal’inaan hojjechuurratti argama.
Pirojektoonni karaa Biiroo keenyaa sagantaalee COWASH kanaan hojjetamanii fi idileen hojjetaman huwwisa miidiyaa fi koominikeeshinii argatanii hawwaasni gama kanaan hubannoo gahaa Akka argatu taasisuuf leenjiin Ogummaa ogeessota koominikeeshinii murteessaadha .
Daayirektireetii karooraa,gamaaggama,hordoffii fi baajataa, Obbo Taajjuddiin Mohaammad leenjicha irratti argamuun haasaa taasisaniin hojiiwwan gama sagantaalee fi idileen hojjetaman akka beekamu,uummanni waan nutti hojjenne akka beekuuf,waan nutti hin hojjenemoo maaliif akka hin hojjenne beekuu akka qabuu fi yoomitti akka nu eeguu qabu dursinee hubachiisuuf hojiin koominikeetarootaa kun barbaachisaadha jedhan.
Kana waan ta’eef Isin Qaamota murteessoo kana waliin mari’achuu fi Yaada Wal geedaruun bu’aawwan argaman karaa sirrii ta’een Uummata biraan gahuun barbaachisaa ta’uus dhaaman.
Xumura irratti Daayirektoreetii Sagantaalee Biiroo keenyaa Obbo Abaadir Haajiis argamuun haasaa taasisaniin, Hojiiwwan babbal’aa Akka naannoo fi biyyaatti hojjetaman keessaa Hojii sagantaa Pirojektii COWASH Kan adda isa godhu, fedhii uumataatiin uummatumaaf Kan hojetu, Abbummaan Kan hoogganu uummatuma mataasaati jedhan.
Hojiiwwan gurguddoo iratti xiyyeefatu keessaa ijaarsa Bishaan dhugaatii,humna raawwachiistummaa dhaabbilee sadarkaa olii hanga gadiiti jiran cimsuu,humna raawwachiistumma dandeettii humna namaa cimsuu dha.
Dammeewwan jiran keessaa Yoo xiqqaate leenjiiwwan adda addaa kennamaa Jiran keessaa leenjiin koominikeetarootaa kun isa tokko waan ta’eef Hojiiwwan Bishaanii fi sagantaa kanaan hojjetaman uummatatti baastanii mul’isuun fayyadamummaa uummataa mirkaaneessuu keessatti gahee keessan bahuu qabdu jedhan.
Keessattuu hojiin Biiroo Bishaanii fi Inarjiin hojjetamu,hojiin Bulchiinsa gaarii,fi hojiin dinagdee uummataa cimsu kun hundi Hojii koominikeetaroonni hojii sabquunamtii uummataa, karaa guutuu ta’een hojjetamanii gara ija uummatatti bahee mul’atu waan ta’eef, hubannoo arganneen uummatni qixa sirriin Odeefannoo weeyitaawaa fi sirrii ta’e argachuu Akka qabus dhaamaniiru.
Leave a Comment
Cancel reply
Your email address will not be published. Required fields are marked
*
Post Comment
Δ
Prev Post
Next Post