Raawwii Hojii bara 2015 ilaalchisee, Ibsa Guutuu Miidiyaalee gara garaatif Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Eng. Miliyoon Baqqalaa kennan akka armaan gadiitti dhiyaatee jira. “Bishaan jiruu fi jireenya lubbu qabeeyyii hundaaf, adda durummaan wantoota barbaachisan keessaa isa tokko yoo ta’u, bara durii irraa eegalee qaroominni gurguddoon Addunyaa hedduun kallattiinis ta’ee al kallattiin yaa’a bishaanii…