Godina Horro Guduruu Wallaggaatti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Fincaa’aa Baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa ramadame qarshii miliyoona 365 oliin, Dhaabbata #Getacho Asaffaa jedhamuun hojjatamaa ture xumuramuun guyyaa har’aa walharkaa fuudhinsi jalqabaa geggeeffamee jira. Pirojektichi bara 2009 kan eegale yoo ta’u, armaan dura hojiiwwan gara garaa hojjatamaa kan ture yoo ta’u, bara kana keessa haala rakkisaa
