Hojiiwwan kunuunsaa fi Qabeenya bishaanii hammayyeessuu fi rakkoo dhiyeessa bishaan dhugaatii hiikuuf Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa yeroo kamiyyuu caalaatti qindoomina qaamolee mootummaa, qooda fudhattootaa fi dhaabbilee deeggarsa Idil-Addunyaa gara garaa wajjiin qindoominaan hojjachaa jiraachuun isaa gabaafamee jira.
Haaluma kanaan hojiiwwan bulchiinsa qabeenya bishaanii hammayyeessuu, muuxannoo hojii waljijjiiruu fi itti fayyadama teknolojii dabaluu, haala bulchiinsaa fi itti fayyadama laga Awaash fi sulula Awaash dabalatee deeggarsa ogummaa biyyaa alaa irraa gara biyyaa fi Naannoo keenyaatti fiduuf Qindoomina Dhaabbata Wood en Daad fi Duch Water Authority waliin ta’uun Jilli Minister Deta Ministera Bishaani fi Inarjii Fedraalaa Dr Abrahaa Addunyaatin durfamu Garee Hooggansaa fi Ogeeyyii Ol’aanoo Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa fi Affaar of keessatti qabate imala gara biyya Netherlands taasisuun hojii cimaa hojjachaa turee jira.
Turtii biyya Netherlands taasifame kanaanis sagantaan leenjii, daawwii hojii dirree,muuxannoo hojii wal jijjiiruu fi keessattuu marii qophatti Hooggantuun Biiroo keenyaa Eng. Miliyoon Baqqalaa dhimmoota gara fuula duraatti Biiroon keenya dhaabbata Wood en Daad fi Dutch Water Authority waliin hojjatamuu qaban irratti marii bal’aan kan geggeeffame yoo ta’u kallattii hojii yeroo itti aanuu irratti waliigaltee gaarii irra kan gahame gama birootin immoo hojii teknikaa fi dokmentii qopheessuu ilaalchisee I/A Biiroo keenyaa Eng. Mohammedziyaad Galatoo kan qindeessuun imalli milkiin goolabamee jira.