Itti aanaa Hoggana Biiroo Bishaaniifi Ineerjii Oromiyaa Injiner Mahammaad Nuuraa ibsa addaatti Biiroo keenyaaf kennaniin bara kana naannoo Oromiyaatti dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu dabaluuf hojjeetamaa turuu ibsan.
Akkatuma kanaan ergama biiroo isaanii galmaan gahuuf hanga Caamsaa 2015 kanatti, baajata motummaa, hirmannaa hawaasaafi deeggarsa dhaabbiilee gara garaa walumatti qarshii Biliyoona 7fi Miliyoona dhibbaa 5 ol ta’uun pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu 8,341 sadarkaa adda addaatti hojjeechuun hawaasa naaniichaa miliyoona 2fi kuma dhibba 7 ol fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun danda’aameera jedhan.
Milka’iina piroojektii bishaanii keessaatti gahee olaanaa kan qabu hawaasa ball’aa ta’uun waan hubatameef, bara kana Paakeejii “ofiin ofiif” jedhu hojiira ooleen hirmannaa hawaasaan pirojektonni bayy’een sadarkaa godinafi aanaalee adda addaatti hojjetamanii tajaajilaf ooluu Injineer Mahammaad ibsaniiru.
Hawasniis pirojektoota kanneeniif kunuunsa barbachiisaa tasiisuun irraa fayyadamuu akka qaban dhamaniiru.
Your email address will not be published. Required fields are marked *
Δ