+251 115 000 000
info@oromiawaterandenergy.org
Stay Connected :
WIIRTUU
WAA’EE KEENYA
Waa’ee BBIO
Seenaa BBIO
Haala-Waliigalaa BBIO
Tajaajiloota
Hoggantoota Duraanii
Garee Bulchiinsa Biiroo
PIROJEKTOOTA
AMMEE
Odeeffannoo
Gita Hojii Banaa
Caalbaasii
Faayiloota fi Gabaasaalee
NU-ARGACHUUF
AFAANOTA
Afaan Oromoo
English
አማርኛ
WIIRTUU
WAA’EE KEENYA
Waa’ee BBIO
Seenaa BBIO
Haala-Waliigalaa BBIO
Tajaajiloota
Hoggantoota Duraanii
Garee Bulchiinsa Biiroo
PIROJEKTOOTA
AMMEE
Odeeffannoo
Gita Hojii Banaa
Caalbaasii
Faayiloota fi Gabaasaalee
NU-ARGACHUUF
AFAANOTA
Afaan Oromoo
English
አማርኛ
Pirojektootni Bishaan Dhugaatii Magaalaa Saguree fi Boqojjii II Eebbifaman - Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa
Home
Maxxansa Haaraa
Pirojektootni Bishaan Dhugaatii Magaalaa Saguree fi Boqojjii II Eebbifaman
June 25, 2023
By: BBIO OWEB
0 Comments
Guyyaa har’aa Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbilootti kan argaman Pirojektootni Bishaan Dhugaatii Magaalaa Saguree fi Boqojji II bakka kabajamoo Obbo Fiqaaduu Tasammaa Hoogganaan waajjira Paartii Badhaadhina Naannoo Oromiyaa fi Hooggantoonni Biirolee gara garaa,Godina Arsii,Magaalaa Asallaa fi Aanaalee gara garaa akkasumas hawaasni bal’aan arfamanitti haala hoo’aan eebbifamee jira.
Sagantaa eebba Pirojektoota kanneen irratti argamuun haasaa kann taasisan Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa
Eng. Miliyoon Baqqalaa
yoo ta’u, Pirojektiin Bishaan dhugaatii Boqojjii marsaa 2ffaa, pirojektii yeroo karoorfame keessatti xumuramee yoo ta’u, baajata mootummaa naannoo oromiyaa irraa ramadame qarshii miliyoona 110 oliin kan hojjatamaa turee fi ummata
20,500
tif tajaajila bishaan dhugaatii kan kennuu ta’uu ibsanii jiru.
Gama biraatin pirojektiin bishaan dhugaatii magaalaa Saguree baajata Baankii Addunyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa ramadame qarshii miliyoona 140 oliin kan hojjatamee fi waliigalaa marsaa 1ffaa fi 2ffaan ummata magaalaa saguree fi naannoo ishee 65,000 oliif tajaajila bishaan dhugaatii kan kennu ta’uu itti addeessanii jiru.
Walumaagalatti hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii hojii ogummaa,naamusaa fi obsa cimaa barbaadu waan ta’eef qaamota ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii Boqojii marsaa 2ffaa milkeessuu keessatti gahee guddaa qaban keessaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Dhaabbata OCC fi ECO fi kkf yoo ta’an, pirojektii Magaala saguree irratti immoo Dhaabbata Ijaarsaa Gaashaw Bantii fi waahila isaa Hagbes,Katama Consulting Engineering, Minister Bishaani fi Inarjii, Baankii Invastmantii Awuroopaa, Eejansii Misoomaa Faransaay, Misooma Qindaawaa Xaaliyaanii fi Walumaagalatti qooda fudhattoota hojii qorannoo fi design irraa eegalanii hanga bishaan ummata bira gahutti gahee isaanii bahaa turan hunda akkasums ogeeyyii Biiroo irraa hanga Aanaa jiranii fi caasaa mootummaa sadarkaan jiran galateeffachuun, hawaasni naannoo madda bishaanii jiraatanii fi sararri bishaanii oorruu isaa keessa qaxxaamuru miira abbummaatin pirojektoota kanneen tiikfatee tajaajila gahaa irra akka argachuu qabu dhaamanii jiru.
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
Godina Arsii Aanaa D/Xiijoo fi Aanaa L/Bilbiloo
1 (1)
Leave a Comment
Cancel reply
Your email address will not be published. Required fields are marked
*
Post Comment
Δ
Prev Post
Next Post