Raawwii Hojii bara 2015 ilaalchisee, Ibsa Guutuu Miidiyaalee gara garaatif Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Eng. Miliyoon Baqqalaa kennan akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.
Bu’uuruma kanaan Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa fedhii hawaasni keenyaa gama dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu fi Inarjii haaromfamaa qabu milkeessuuf,karoora Imala Badhaadhinaa waggaa kudhanii qophaa’e keessaa waggaa waggaan karoora hiixataa qopheessuu fi baajata madda gara garaa irraa argamu qixa sirriin itti fayyadamuun hojii fooyya’iinsa qabu hojjachaa turee jira. Haaluma kanaan qaama karoora imala badhaadhinaa waggaa kudhanii kan ta’e karoorri hojii bara 2015 qaamolee dhimmi ilaaluu fi hirmaannaa qooda fudhattootaatin qophaa’ee hojitti kan galame yoo tau, kaayyoo tarsiima’aa Seektara keenyaa gurguddoo keessumattuu, waliingahiinsa bishaan dhugaatii dabaluu, iskiimota bishaan dhugaatii tajaajila hin kennine gara hojiitti deebisuu fi inarjii haaromfamaa hawaasa keenya biraan gahuuf,karoorri bara baajata 2015 karaa adda ta’een xiinxala raawwii hojii waggoottan darbanii fi gaaffii ummataa jiddu galeessa godhachuun kan qophaa’eedha.
Haaluma kanaan bara kana rakkoo dhiyeessa bishaan dhugaatii hiikuu fi ijaarsa piroojeektoota bishaan dhugaatii rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an xumuruuf hojiin bal’aan kan hojjatame yoo ta’u, bu’uuruma kanaan pirojektoota Sadarkaa Naannoo 27(90%) xumuruun ummata 1,447,363 fayyadamaa bishaan dhugaatii taasisuun dandaamee jira. Akkasumas pirojektoota Sadarkaa Godinaa 66(69.47%) irraa ummatni 359,066, pirojektoota Sadarkaa Aanaa 411(99.9%) irraa ummatni 204,622.00, pirojektoota Hirmaannaa Hawaasaa 7,755(102.7%) irraa ummanni 578,230, pirojektoota Sagantaa OneWaSH 209 irraa ummanni fayyadame 470,395, pirojektoota Baaskeet Fandii 7 irraa ummanni fayyadame 342,280, sagantaa Cowash pirojektoota 310 irraa ummanni fayyadame 84,205, pirojektoota dhabbilee miti mootummaa 303 irraa ummanni fayyadame 245,633, pirojektoota Unicef 11 irraa ummanni fayyadame 24,433 yoo ta’u; Akka waliigalaatti bara bajataa kanatti ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii gosa adda addaa hojjatamanii xumuraman 9,099(104.96%) irraa uummata Baadiyyaa 2,989437 fi Magaalaa 740,520 walumaagalatti uummata naannoo keenyaa 3,756,630(136.6%) fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun dandaameera.
Gama Misooma inarjii haarofamaatin hojii hojjatamaa ture yoo ilaallu, ijaarsa wiirtuu gemoowwan qoraan qusatan 8 kan ijaaraman yoo ta’u, raabsaa Gemoowwan qoraan qusatan 690,343(87.3%), ijaarsa teeknooloojii Baayoo Gaazii 1,741 (%99.49), raabsa soolaarii adda addaa 77,785 fi ijaarsa soolaarii dhaabbilee hawaasaa 12 kan xumuraman yoo ta’u, waliigala hojiiwwan gama misooma inarjii haaromfamaa babalisuu hojjatameen abbaan warraa 769,869 (ummata 4,619,214.00 ) fayyadamaa inarjii haaromfamaa taasisuun danda’ameera.
Gama fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii dabaluuf hojii hojjatameen dubartoota harka qalleeyyii 377 ta’aniif meeshaalee inarjii haaromfamaa fi uffataa gara garaa qarshii 550,000.00tti tilmaamamu deeggarsaan kennuun dandaamee jira. Akkasumas Daa’imman sababa dhukkuba HIV/AID tiin maatiii saanii dhaban 36, dhira 15 dubartii 18 ta’aniif qarshii 390,000.00 deeggaruun barnoota isaanii akka itti fufan gochuun danda’amee jira. Kana malees hojii bishanii fi inarjii keessatti dargooggota hoji barbaadaniif carraa hojii dhaabbii dhiira 3,830, dubartii 2,290 waliigala 6,121(100.74%) fi carraa hojii yeroo dhiira 16,691,dubarii 12,855 waliigala nama 29,546(10.3.94%), walumaagalatti namoota 35,667 carraa hojii yeroo fi dhaabbii uumuun danda’amee jira. Akkasumas dhaabbii biqiltuu gara garaa ganna darbe 9000 dhaabbate keessaa (90%) ol kan late yoo ta’u, kana malees sadarkaa Biirootti qofa hojiiwwan tajaajila lammummaa adda addaa qarshii 5,987,452 tti shallagamu hojjatameera.
Gama biraatiin Waliigahiinsa bishaan dhugaatii dabaluuf hojii hojjatameen ummatni miliyoona 3.75 ol bishaan qulqulluu akka argatan gochuu,itti fayyadamni bajata kaappitaalaa gaarii ta’u.(143% ol),Hojii siistama IT diriirsuu fi itti fayyadamn teeknolojii fooyyee ta’uu(project mgt, scheme mgt, ICT Conference fi kkf) keessaa dhimmoota muraasa kaasuun ni danda’ama.